Shimallis Abdisa Parody ยท @shimellis.abdisa

Posted 1 month ago
45.55K followers
716 views
38 likes
3 comments
0 shares

๐’๐ˆ๐ˆ๐๐๐„๐„ ๐‹๐ˆ๐ˆ๐™๐ˆ๐ˆ: ๐‡๐ฎ๐ฆ๐ง๐š ๐…๐š๐š๐ฒ๐ข๐ง๐š๐š๐ง๐ฌ๐ข๐ข ๐‚๐žโ€™๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š ๐ˆ๐ง๐๐š๐ฌ๐ญ๐ข๐ซ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š Har'a Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Galaanitti argamuun hundeeffama ๐—ฆ๐—œ๐—œ๐—ก๐—ค๐—˜๐—˜ ๐—Ÿ๐—œ๐—œ๐—ญ๐—œ๐—œfi asxaa haaraa dhaabbatichaa ifoomsineerra. Dabalataanis, meeshaalee kaappitaalaa murteessoo taโ€™an intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaatiif dabarsinee kennineera. Utaalchoon โ€œOromia Capital Goods Finance Business S.C.โ€ irraa gara Siinqee Liiziitti taasifame kun, kan maqaafi asxaa qofa osoo hintaane, jijjiirama tarsiimaโ€™aa dhaabbatichaati. Moggaasni maqaafi asxaa haaraan muldhataafi kaayyoo baldhaa, eenyummaa sabaa cimaafi ergama ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ waliin kallattiin kan walsimudha. Ceโ€™umsi gara Siinqee Liiziitti taasifame kun, qaama riifoormii โ€˜๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ฎ ๐—ฆ๐—ผ๐˜ƒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฒ๐—ถ๐—ด๐—ป ๐—™๐˜‚๐—ป๐—ฑโ€™ dandeettii caasawaa horataalee mootummaa guddisuuf taasifameeti. Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kanaan dhaabbilee faayinaansii kopha-kophaafi gargar turan hambisuun, sanyii faayinaansii qindaaโ€™aafi rudaa tokko uumuu dandaโ€™eera. Kanaaniis sirnakkoon faayinaansii ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ guutuu ta'e ijaarameera: โ€ข ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ธ๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ.๐—–. โ€ข ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ ๐—Ÿ๐—ถ๐—ถ๐˜‡๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ.๐—–. โ€ข ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ ๐—œ๐—ป๐˜€๐—ต๐˜‚๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐˜€๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ.๐—–. โ€ข ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ธ๐—ถ๐—ถ ๐—œ๐—ป๐˜ƒ๐—ฎ๐˜€๐˜๐—ถ๐—บ๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ.๐—–. Qindoominni kun amantaa ummanni dhaabbaticha irratti qabu daran kan cimsu, yaa'insa maallaqaa haqa qabeessa, sochii gabaa saffisaafi humna faayinaansii jabaa ijaaruuf kan nudandeessisuudha. Galmi keenya tarsiimaโ€™aan, dinagdee naannoo keenyaa ๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ (consumption) irraa gara ๐—ฑ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ (production) ceesisuudha. Dargaggoonnifi intarpiraayizoonni keenya gaheen dinagdee keessatti qaban quucaree turuun isaa fedhiifi kutannoo hojii waan dhabaniif miti; sirni faayinaansii dhiyeessii meeshaalee kaappitaalaafi teknoolojii, gabbina ogummaafi dhaweessummaa, akkasumas guddina intarpiraayizootaaf diriire waan hinturreefi. Gareen Siinqee, Addatti ammoo Siinqee Liizii fala tarsiimaโ€™aa hudhaa caasawaa dinagdee kanaati. ๐—œ๐—ป๐—ถ๐˜€๐—ต๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐—ถ๐˜ƒ๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—œ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐˜€๐˜๐—ถ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ ๐—š๐—ผ๐—ฑ๐—ผ๐—ผ keenyas dhaabbata kana malee kan lafa qabatu hinturre. Sochiin gama kanaan taasisaa jirru gamanumaa guddina qabatamaa galmeessisaa jira. โ€ข ๐—๐—ถโ€™๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐Ÿญ๐Ÿฌโ€™๐—ป darban keessa intarpiraayizoota indastirii godoo ๐Ÿด๐Ÿฏ๐Ÿฒ taโ€™aniif meeshaalee kaappitaalaa ๐Ÿฒ,๐Ÿฑ๐Ÿฌ๐Ÿฎ gatii ๐—ฏ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ ๐—ฏ๐—ถ๐—น. ๐Ÿฏ ๐—ผ๐—น ol itti bahe karaa dhaabbata kanaa dhiyeessineera. โ€ข ๐—š๐˜‚๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—ต๐—ฎ๐—ฟโ€™๐—ฎ๐—ฎ๐˜€ waldaalee ๐Ÿฎ๐Ÿฎ๐Ÿฐ taโ€™aniif meeshaalee kaappitaalaa murteessoo ๐Ÿญ,๐Ÿฌ๐Ÿฒ๐Ÿฏ dabarsineerra. Sochiin hanga ammaa taasifne jalqabbii qofa; ๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ข๐—ณ-๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎโ€™๐˜‚๐˜‚ MNO waggoota shanan dhufaniitiin, oomishtummaa, ogummaafi dhaweessummaa dargaggootaafi intarpiraayizoota keenyaa irratti hojjechuun ceโ€™umsa gara dinagdee indastiraawaatti taasifamu sadarkaa amansiisarraan kan geenyu taโ€™a. Moggaasni maqaa akkasumaan tasa hinkennamu. Gareen faayinaansii kana maqaa ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ jedhuun moggaasuun keenya ittiyaadameeti. Jechi kun seenaafi aadaa ummata Oromoo keessatti hiika gadi fagoo kan qabudha. Siinqeen mallattoo kabajaa, eegumsaa, haqaafi walsima hawaasummaati. Harโ€™a falaasama adoo kana gara ijaarsa jaarmiyaalee faayinaansii ammayyaa fullaโ€™iinsa qabaniitti madaqsaa jirra. Kana malees, maqaa daangaa naannoo keenyaa ceโ€™ee, sadarkaa biyyoolessaafi idil-addunyaatti dorgomuufi baldhachuuf isa dandeessisu taโ€™uu waan qabuuf kan kennamedha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ce'umsa dinagdee naannichaa dhugoomsuuf dhimmoota afur addatti qindeessaa jira. 1. Iddoo indastirii gurguddaan itti simataman kanneen akka Zoonii Dinagdee Seektar-danuu Gadaafi paarkiilee indastirii 2. Magaalotaafi godinootatti sirnakkoo invastiment mijeessuu 3. Galteewwan indastirii biyya keessaatti baldhinaan omishuu 4. Dargaggoota ogummaa hidhachiisufi dhaweessummaa goonfachiisuu #oromiatiktok๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡นโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธ #oromiapresidentoffice2026