Shimallis Abdisa Parody ยท @shimellis.abdisa

Posted 1 week ago
49.59K followers
1.83K views
133 likes
6 comments
4 shares

๐ƒ๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐Ž๐จ๐ฆ๐ข๐ฌ๐ก๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š: ๐…๐š๐ฅ๐š๐š๐ฌ๐š๐ฆ๐š ๐‚๐ž'๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š ๐๐š๐š๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š Seenaa guddina hawaasaa keessatti, badhaadhinni baayโ€™ina qabeenyaatiin osoo hintaane, dandeettii qabeenya gara humna oomishtummaa qindaaโ€™atti jijjiiruutiin murtaaโ€™eera. Biyyoonni tokko tokko badhaadhina isaanii caasaalee ijaarsatiin agarsiisan; kaan ammoo dandeettii oomishtummaa ummata isaanii qindeessuun ijaaran. Garaagarummaan isaanii bu'uuraalee misoomaa qabaachuu ykn dhabuu miti; falaasama misoomaa isaanii keessatti argama. Har'as gaaffii murteessan sunuma; โ€œmisooma jechuun maal jechuudha?โ€ Yeroo baay'ee misoomni biyya tokkoo, waan ijaan muldhatuun madaalama. Gaaffileen baramanis: daandii meeqatu ijaarame? Gamooleen samii tuqan meeqatu dhaabbate? Magaalaan hammam baldhate? Yaaโ€™insi invastimantii hagam dabale? kan jedhanidha. Gaaffiileen kunniin barbaachisoo ta'anis, imala seenaa kan murteessan miti. Gaaffii murteessaan jiru tokko; innis, โ€œ๐——๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ต๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—บ ๐—พ๐—ถ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎโ€™๐—ฒ?โ€ kan jedhu. Seenaa addunyaa keessatti biyyoonni magaalota gurguddoo ijaaran hedduudha. Kanniin โ€˜sirna hawaasa omishaaโ€™ ijaaran garuu muraasa. Magaalaan โ€˜niguddataโ€™; hiyyummaan garuu ittifufa. Bu'uuraaleen misoomaa nibabaldhatu; qabeenyi garuu hinuumamu. Kanaafuu, guddinni marti misooma miti. Misooma jechuun qabeenya dabaluu qofa miti; dandeettii oomishtummaa qindaaโ€™aa ijaarudha. Misoomni dhugaa yemmuu humnoonni oomishaafi buโ€™uuraaleen omishaa marti โ€” nama, beekumsa, ogummaa, dhaweessummaa, kaappitaala, qabeenya umamaa, meeshaalee omishaa, teknoolojii, dhaabbileefi mootummaa โ€” sirna tokko keessatti walitti hidhamanii dandeettii oomishtummaa qindaa'aa ta'an qofa dhalata. Yaanni kun qajeelfama hojii mootummaa naannoo keenyaa qofa miti. Bu'uura falaasama misoomaa Mootummaa Jijjiiramaati. Nuti misooma akka tarree pirojektoota adda addaatti hinilaallu. Akka adeemsa humnoota omishaafi buโ€™uuraalee omishaa, sirna oomishtummaa tokko jalatti qindeessuutti ilaalla. Garaagarummaan kun kan hiika jechootaa qofa miti; garaagarummaa ilaalchaati. Misoomni yaada keessaa dhalata; sirna keessatti guddata; pirojektiin ammoo bu'aa isaa ta'a. Yeroo hedduu, hiyyummaan qabeenya dhabuurraa hinmaddu. Qabeenya qindeessuu dhabuurraa madda. Ummanni kennaa umamaati; oomishtummaan garuu buโ€™aa hojii mootummaafi dhaabbileeti. Bishaan jiraachuu danda'a; omishni hinjiraatu. Laftii jiraachuu danda'a; galiin hinjiraatu. Dargaggoonni jiraachuu danda'u; hojiin hinjiraatu. Kanaaf rakkoo guddaan qabeenya dhabuu osoo hintaane, sirna oomishtummaa qabeenya jiru gara humna qabatamaatti jijjiiru ijaaruu dadhabuu ta'a. Hiyyummaan buโ€™aa dhaabbatummaati (institutional) malee buโ€™aa umamaa miti. Ce'umsi yeroo muraasaaf milkaa'uu danda'a. Haataโ€™u malee sirna ta'uu baannaan hinfullaโ€™u. Kanaaf galmi keenya jijjiirama jalqabuu qofa miti; jijjiirama sana dhaabbata, seera, hojimaata, aadaa hojii, sirna hoggansaafi mala jireenyatiin utubuudha. Misooma waaraan dhaabbileedhan jiraata. Ija kanaan, nuuf mootummaa jechuun aangoo qofa miti; dandeettii oomishtummaa hawaasaa ijaarudha. Mootummaan ofii qabeenya hinuumu; sirna qabeenyi itti umamu ijaara. Daandii qofa hinijaaru; dinagdee daandii sanarraa dhalatu ijaara. Mana barnootaa qofa hinbanu; sirna dhaloota dorgomaa humna oomishtummaaa taโ€™e baasuuf tolu ijaara. Bishaan qofa hindhiyeessu; sirna-ikkoo misooma jallisii gabeessummaa omisha qonnaa babaldhisu ijaara. Kanaaf, gaheen mootummaa pirojektii raawwachuu qofa osoo hintaane, sirna oomishtummaa dhaloota ittaanutti ceโ€™u ijaarudha. Sirni oomishtummaa ofumaan hinijaaramu. Humnoonni oomishaafi buโ€™uuraaleen omishaa ofumaan walitti hinqindaaโ€™an. Qindeessaa barbaadu. Gaheen hoggansaas kanuma. Hoggansi qabeenya hinuumu; humnoonni oomishaafi buโ€™uuraaleen omishaa akka walitti hidhatanii sirna ta'an taasisa. Hoggansi tarsiimaโ€™oo, hojiilee takka lamee raawwachuu caalaa, sirna raawwii hojii ijaara.