646 views
20 likes
3 comments
1 shares

๐๐ˆ๐“๐Ž๐Ž๐“๐„๐’๐’๐€ ๐Ÿ๐Ÿ’: ๐ƒ๐„๐„๐๐ˆ๐ˆ ๐†๐€๐€๐…๐…๐ˆ๐ˆ ๐‡๐Ž๐†๐†๐€๐๐’๐€๐€๐…๐ˆ ๐‚๐„'๐”๐Œ๐’๐€ ๐†๐”๐‹๐€๐๐“๐€๐€ ๐๐€๐๐’๐Ž๐Ž Seenaan ummata keenyaa seenaa dhiibbaa diinaa qofa osoo hintaane, seenaa qabsoo hadhaawaafi injifannooti. Ummanni Oromoo cunqursaaf jilbeenfatee hinbeeku; wareegama lafeefi dhiigaatin gaaffiilee eenyummaa, siyaasaa, dinagdeefi mirga dimookiraasii gulantaan deebii itti argachaa asgaheera. Haata'u malee, qabsoon keenya hudhaalee hoggansaatiin raafamaa figufataa waan tureef baroota dheeraa nurraa fudhateera. Galmi qabsoo keenyaa ifa ta'us, hoggansi tarsiima'aa ce'umsa sana nuuf gaggeessu nihanqata ture. Rakkoofi hudhaa hoggansaa jaarraa tokkoof numudate kana kan hiike, injifannoo Bitootessa 24 bara 2010โ€™ti. Mootummaan Jijjiiramaa, Yaadama Idaโ€™amuutiin masakamuun, aadaa siyaasaa walajjeechaafi walqoodinsaa maseensuun, gara gocha qabatamaatti nuceesiseera. Bitootessi 24 gulantaa qabsoo keenya kaleessa TA'UU ture gara gulantaa GOCHUUtti olguddiseera. Kaleessa gaaffiin mirga afaaniin barachuu ture, har'a dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa taโ€™e uumuuf Barnoota Sadarkaa Tokkoon Duraatii hanga โ€œShaggar Institute of Technology โ€” SITโ€ babaldhisuutti ceโ€™eera. Kaleessa gaaffiin mirga abbaa biyyummaati; har'a galmi qabsoo keenyaa ummata dinagdeen aangomsuudha. Kaleessa kaayyoon bakka bu'ummaa siyaasaafi ofiin ofbulchuu ture; har'a sabboonummaan keenya sirna ummataawaa cimaa ijaaruu danda'uu irratti hundaa'era. Kanaafis Mootummaan Gandaa ummata qeโ€™eetti abbaa sirnaa taasisu bu'uura cimaa irratti ijaarameera. Ceโ€™umsi gulantaa qabsoo kun bu'aa Bitootessa 24โ€™ti. Mootummaan Idaโ€™amuu xiyyeeffannoo damdaneessummaa dinagdee mirkaneessuuf kenneen qonna, indastirii maanifaakchariingii, turizimiifi dinagdee dijitaalaa irratti jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jira. Dhiheenya kanas damee albuuda irratti tarkaanfii seena qabeessa fudhateera. Lafa keenya qofa mirkaneeffachuurraa ceenee, qabeenya lafa jalaa dinagdeetti jijjiiraa jirra. Albuudni keenya madda diigumsaa osoo hintaane, utubaa badhaadhinaa akka ta'uuf imaammata cimaan qajeelfamaa jira. Jijjiiramni kun siyaasa bishaanii Gaanfa Afrikaa mo'uun gumaa waggaa dhibboota Itoophiyaaf baasera. Kanaaf hoggansi ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) irratti kenname ragaa dhabbataadha. Kana malees, dhimma ulaa galaanaa haqanqaalamee ture Galaana Diimaa gara abjuu qabatamaa badhaadhinaatti deebisuun lubbuu ittihoreera. Jijjiiramni keenya dippiloomaasii kabaja lammiilee bu'uureffate lafa qabsiisuun sagaleen biyya keenya akka dhagahamu taasiseera. Magaalonni keenya dukkana uffatan akka ofirraa baasan gochuun, jireenya lammiileef akka ofkuulan ta'aa jiru. Haaromsa imaammata dinagdee gooroo taasisuun invastimantii alaa (FDI) akka hawwaatan akkasumas dilbii keessoo misoomsuuf akka dirree tolfatan ta'aa jira. Bitootessi 24 gulantaa qabsoo keenya gara boqonnaa haaraatti ceesisuu kan dandaโ€™e hoggansa tarsiimaโ€™aa waan argateefi. Dhugaa dubbachuuf, hoggansa tarsiimaโ€™aa akka Looreeta Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD) argachuun kan nuuf milkaaโ€™e, ittiyaannee/karoorfannee miti. Akkuma falaasamaa beekamaan โ€˜Hegelโ€™ jedhu, dhama'iinsa qabsoo keenya keessaa, โ€œHaaxummaan Seenaa/Yaadaaโ€ (The Cunning of Reason) mataa isaatiin tasa kan nubadhaasedha. Dhiphinaafi maraammartoo kufaatii qabsoo ummata Oromoofi ummattoota Itoophiyaa mudachaa tureef arjooma taโ€™eera. Egaa, guyyaa kanatti gaaffii ijoon โ€œcarraa seenaan nuuf kenne kana maal haagoonu?โ€ kan jedhu taโ€™uu qaba. Deebiin keenyas gurguddoo lama: ๐‘ป๐’๐’Œ๐’Œ๐’๐’‡๐’‡๐’‚๐’‚, oolmaa seenaa taโ€™ee tasa hoggansa cimaa argannus, gara fuulduraatti garuu gaaffii hoggansaa deebisuuf โ€˜tasaโ€™ eeguu hinqabnu. Carraa kanatti fayyadamnee, ofeeggannoofi karooran hoggansa jijjiirama kana ittifufsiisu ijaaraa deemuu qabna. ๐‘ณ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‡๐’‡๐’‚๐’‚, qabsoo keenya guutummaatti gara fayyadamummaa dinagdee, dorgomummaa dhalootaafi sirna cimaatti jijjiiruu qabna. #ethiopian_tik_tok๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น #oromiatiktok๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡นโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธ